Jesus is Sentenced
Easter·17 of 29Clip 17 of 29
Jesus is Sentenced
Jesus is dragged from Herod's palace. Jesus and the crowds come back to Pilate's courtyard. He sits in the judgment seat and says he will only order that Jesus be scourged. The council speaks up again. They remind Pilate that he is supposed to release one man to the Jews during the Passover Festival. The guards tie Jesus to a pole in the center of the courtyard and start to whip Him with cat o' nine tails that rip the flesh from His back. Pilate watches the courtyard warily before he leaves. Pilate makes his way back with a scroll. Jesus is released and dragged back in front of Pilate. He drops the crucifixion judgment at Jesus's feet.
QuestionsRelated Questions
Ask yoursBible Quotes
SharePhilaaxoos sooreyyii hayyootaa, sooressitootaa fi kolbaa waamee, «Namichi kun kolbaa jallisiisa jettanee, qaddanee gara kiyya fiddane; anille isinuma duratti isa qoree, waan isin isa himattane keessaa yakkaa tokkolle isa irratti hin dhaggine. Heroodisille waan yakkaa isa irraa dhabeef deebisee nutti ergeera; akkuma dhaggitanu, waan muraa du'aatiin isa gewu tokkolle hujee hin jiru. Tanaaf dhaansisee isa gad lakkisa» jedhe. [Philaaxoos wogguma wogga'aan yennaa Jila Irra Dabaramaa worra hidhamane keessaa nama tokkocha kolba'aaf hiiku'uu male.] Gumiin duudiin, «Namicha kana balleessi! Barabbaa nu'uuf hiiki!» jettee itti hogitte. Barabbaan qachaa keessatti waan nageya booresseeruu fi nama ijjeeseeruuf mana hidha'aatitti hidhamee ture. Philaaxoos Yesuus hiikiisaaf fedhee, ammalle gumi'iin dubbate. Isaan ammoo, «Isa fannisi! Isa fannisi!» jedhanee ittuma hogisane. Philaaxoos sadeessoo, «Maaf? Maan balleesse? Yakkaa muraa du'aatiin isa geettu isa irratti ani hin dhaggine. Tanaaf dhaansisee isa hiika» isaaniin jedhe. Isaan ammoo, akka inni fannifamuuf qoonqoo guddo'oon ittuma jabeessanee kadhatane; hogaan isaaniille milkowe. Maarre gaaffii isaaniitiif deebii kenniisaaf, Philaaxoos muraa kenne. Namicha nageya booressiisaa fi nama ijjeesiisaan hidhameeru, ka kolbaan gaafatte hiikee, akka fedha isaanii Yesuus dabarsee isaanitti kenne. Adoo Yesuus geessanuu, nama biyya Qareena'aa ka Simoon jedhamu tokko baadiyya'aa galuun qabanee, muka fanno'oo ba'atee Yesuus faana akka deemuuf irra keyane.
KITAABA WOYYICHA
The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Read more...
