Peter Disowns Jesus
Easter·13 of 29Clip 13 of 29
Peter Disowns Jesus
Jesus is taken to the house of the high priest and guarded by temple guards. They push Him and take His clothing in the courtyard. Peter watches from close by. Peter is recognized, but denies that He knows Jesus. As dawn approaches, a rooster crows. Jesus looks over to Peter. Peter walks away, undone by his denials.
QuestionsRelated Questions
Ask yoursBible Quotes
ShareAchiin duuba Yesuus qabanee, fuudhanee deemanee gara mana hayyicha gudda'aa geessane. Pheexroos ammoo fagaatee isa hordofe. Yennaa isaan badhinna dalleyaa wodhakka'atti ibidda gabbisanee wolitti dacha'anee tee'ane, Pheexroosille isaan woliin tee'e. Intalti tajaajiltuun takka, ifa ibiddaa qarqara tee'eeruun isa dhaggitee, hubattee, «Namichi kunille isa woliin jiraayyu» jette. Inni ammoo, «Intaa, ani isa hin beeku» jedhee mormate. Yennaa diqqo'oon duuba nami dhibiin isa dhaggee, «Ati isaan keessaa tokko» jedhe. Pheexroos ammoo, «Namicha, anaa moti!» jedhe. Gara saatii takka'aatiin duuba nami dhibiin, «Nama Galiila'aa waan te'eef, dhugumaan namichi kunille isaan woliin jiraayyu» jedhee itti jabeesse. Pheexroos ammoo, «Namicha, waan ati dubbatiisatti jirtu kana ani hin beeku!» jedhe. Adoo inni tana dubbatiisatti jiruu, lukkuun iyyite. Goottaan garagalee Pheexroos ilaale. Achiin duuba Pheexroos Jecha Gootta'aa, ka duri inni isaan, «Edanuma adoo lukkuun hin iyyin yennaa sadiin na hin mormatta» jedhe qaabatee, gad bayee laaleffatee bowe.
KITAABA WOYYICHA
The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Read more...
