32 of 61JESUS · 61 chapters

Healing of Bartimaeus

Jesus and His disciples wade through a stream into a gathering of people. A man asks what's going on. He follows after Jesus, calling out to Him. John comes back for the man and helps him back to Jesus. The blind man calls Jesus the Son of David and begs for mercy. Jesus asks what the man wants Him to do. And the man answers that he would like to see again.

Ask yours

Bible Quotes

Share
Wongeela Luqaasii 18:35-43

Yesuus Yeriko'otti yennaa dhikaate, namichi ballaan tokko karaa qarqara tee'ee kadhatiisatti jiraayyu. Gumiin cinaa isaatiin dabartuun dhage'ee, waan te'iisatti jiru gaafate. Isaan, «Yesuusii nama Naaziretiititti asiin dabariisatti jira» jedhane itti himane. Maarre inni, «Yesuus, Ilma Daawitii na marari!» jedhee iyye. Worri dura ideemu cadhisiisiisaaf isa xixe; inni ammoo ittuma caalchisee, «Ilma Daawitii, na marari!» jedhee iyye. Yesuus dhaabbatee, namicha ballaa san gara isaa akka fidanuuf ajaje. Yennaa inni itti dhikaate, Yesuus «Maan akka ani si'iif godhu barbaadda?» jedhee isa gaafate. Inni deebisee, «Goottaa kiyya, ani akka dhaggu barbaada» jedhe. Yesuus deebisee, «Dhaggi! Dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti» jedheen. Yennuma san dhaggee, Waaqa galateeffataa Yesuus hordofe. Gumiin sun martinuu yennaa tana dhaggite, Waaqa galateessite.

KITAABA WOYYICHA

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia

Read more...
Free Resources

Want to understand the Bible more deeply?

Join our Bible study
JesusFilm