The Transfiguration
JESUS·23 of 61Clip 23 of 61
The Transfiguration
Jesus takes John, James and Peter up a hill to pray. Jesus walks apart from them, covering His head to pray. But when He does, His appearance changes. His face changes. His clothes become pure white. He starts talking to two men who seem to be with Him. Moses and Elijah speak to Him. One says Jesus will fulfill God's purpose. The other says He will die in Jerusalem. Peter slowly wakes up. He's the first to see Moses and Elijah talking with Jesus. He wakes James and John. They see it too. Moses and Elijah turn and leave, fading away. The disciples fall to their knees and worship Jesus.
QuestionsRelated Questions
Ask yoursBible Quotes
ShareYesuus waan kana dubbatee, gara guyyaa saddeetiitiin duuba Pheexroos, Yohaannisii fi Yaaqoob fudhatee daadimatiisaaf gara gaaraa ol baye. Adoo inni daadimatiisatti jiruu bifi fuula isaa jijjiiramee woyaan isaalle adii calalaxxu teete. Dedhuma namooti lamaan Muuse'ee fi Eliyaas isa woliin dubbatiisatti jiranuun dhaggane. Isaan ulfinna ol-gubba'aatiin mudhatanee marroo waan Yesuus du'iisaan Yerusaalemitti muummessu'uu jiruu dubbatiisatti jiraniiyyu. Pheexroosii fi worri isa woliin jiranu dunquuqquu hirriiba irra jiran; yennaa dammaqane ammoo ulfinna Yesuusiitii fi namoota lamaan ka isa woliin dhaabbatiisatti jiranu dhaggane. Akkuma namooti lamaan Yesuus lakkisanee deemaneen, Pheexroos Yesuusiin, «Barsiisa'a! Asitti dhaggamuun keenna waan dansa'a; gosee sadiin, takkattii si'iif, takkattii Muuse'eef, takkattii Eliyaasiif ijaarra» jedhe; Pheexroos waan dubbatiisatti jiruuyyuu hin beenne. Adoo inni dubbatiisatti jiruu, duumensi dhufee gaaddisa ifiitiin isaan golle; barattootille duumensa keessa yennaa seenane sodaatane. Duumensa keessaa, «Kun Ilma kiyya, ka ani filadhe; isa dhage'aa!» qoonqoon jettu dhage'ante. Qoonqoon dhage'anteen duuba, Yesuus qofi jiruun dhaggane. Barattootille cadhisane malee, waan yennaa san dhaggane mara nama tokkolle'etti hin hinne.
KITAABA WOYYICHA
The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Read more...