JESUS·59 of 61

Resurrected Jesus Appears

John and others return to the room where Jesus's followers have gathered. They come in saying that Jesus has indeed risen. John says Jesus appeared to Simon on the road. Simon talks about how they didn't recognize Jesus at first. But when they sat down to dinner and Jesus broke the bread, they knew who He was. Jesus stands in the room with them. He asks why they're troubled and doubtful. He holds out His hands for them to see. He encourages them to touch Him to prove to them that He's flesh and blood. They reach out and touch His hands.

Ask yours

Bible Quotes

Share
Wongeela Luqaasii 24:33-49

Isaan yennuma san ka'anee gara Yerusaalemii deebi'ane. Achitti barattoota kudhanii tokkoo fi worra isaan woliin jiranu wolitti qabamaneeranuun dhagganee, «Goottaan dhugumaan du'aa ka'eera, Simoonille'etti mudhateera!» jedhane. Achiin duuba jarri lamaan waan kara'atti te'e maraa fi yennaa Goottaan daabboo casse attam akka isa beekane himane. Adoo jarri lamaan sun waan kana himiisatti jiranuu, Yesuus ifumaafuu isaan odduu dhaabbatee, «Nageenni isiniif te'u!» isaaniin jedhe. Isaan waan ekeraa dhaggane seyanee, sodaatanee bararaqane. Yesuus ammoo, «Maaf sodaattan? Gadhaa keessan keessatti maaf mantan? Harka kiyyaa fi miila kiyya ilaala'a, anumaayyuu dhagga'a. Qaqqaba'aatii na ilaala'a; ekeraan foonii fi lafee hin qaddu, akkuma dhaggitanu ani hin qaba» jedhe. Yesuus tana jedhee harkaa fi miila ifii isaanitti mudhise. Isaan gammadaa fi baaseffataan waan guutamaneeranuuf ammalle dhugeeffatiisa dhabanee jennaan, «Waan nyaataa asii qaddanii?» jedhee isaan gaafate. Isaan qurxummii woddante diqqoo takka itti kennane; innille fuudhee fuula isaanii duratti nyaate. Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Yennaa isin woliin jiru, Seera Muuse'ee, Kitaaba Raagotaatii fi Kitaaba Faaru'uu keessatti marroo tiyyaaf ta barreeffante maraa muummowu'uu malte, jedhee ta ani isinitti hime tana» jedhe. Achiin duuba inni Barreeffama Woyyicha akka hubatanuuf qalbii isaanii bane. Inni isaaniin, «Masiihiin akka rakkatuu fi guyyaa sadeesso'oo du'aa akka ka'u, cubbuu irraa deebi'iisaa fi araarri cubbu'uu maqaa isaatiin Yerusaalemii jalqabee gosa maraaf akka lallabamu barreeffameera. Isin waan kanaaf dhugaa-baatota. Kunoo, waan Abbaan kiyya addii isinii kenne ani isiniif hin erga; ammoo haga hunna gubbaa irraa dhaggattanutti qachaa Yerusaalemii keessa tura'a» jedhe.

KITAABA WOYYICHA

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia

Read more...
Free Resources

Want to understand the Bible more deeply?

Join our Bible study
JesusFilm