JESUS·20 of 61

Healing of the Demoniac

Jesus and His disciples continue to sail and arrive at Gerasa. A wild man on the shore growls at their approach. Jesus hurries toward him, ahead of His disciples. The man threatens Jesus with the rock. But Jesus just continues to stare at him. The man calls Jesus by name and declares Him to be the Son of God. Jesus asks him his name. At first the man won't say. But Jesus holds out a hand to him. He says his name is Legion. He begs not to be sent back to the abyss. Instead, he wants to go into a nearby herd of pigs. Jesus puts a hand out to the pigs.

Ask yours

Bible Quotes

Share
Wongeela Luqaasii 8:26-39

Yesuusii fi barattooti isaa Abbaayaa Galiila'aatiin gama, gara biyya Gergeesa'aa hobolo'oon bu'ane. Akkuma Yesuus qarqara bisaaniititti bu'een, namichi qachaa sanii, ka durriisaan qabameeru tokko itti dhufe. Namichi kun yennaa hedduu woyaa hin uffatu, manalle hin le'u, ammoo yennaa hedduu goda awwaalaa keessa le'a. Inni yennaa Yesuus dhagge, miila isaa duratti jigee, guddisee iyyee, «Ee Yesuus, Ilma Waaqa Ol Aana'aa! Maan na irraa qadda? Ani si kadhadhaa, na hin rakkisin!» jedhe. Waan Yesuus akka ayyaanni hamaan namicha keessaa bayu ajajeeruuf, inni akkana jedhe. Yennaa hedduu ayyaanni hamaan waan itti ka'uuf, wodaroo sibiilaatii fi sibiila miilaatiin hidhamaa eegamulle, hidhaa san kukkutaa, hunna ayyaana hama'aatiin gara goomole'ee oofamaa ture. Yesuus, «Maqaan keeti eennu?» jedhee isa gaafannaan, durriisoti bacaan waan itti galaneeranuuf, inni deebisee, «Maqaan kiyya duula» jedhe. Durriisoti gara bowwaa qile'ee akka isaan hin ergine Yesuus kadhatane. Roga gooroo sanii gubbaa, booyyoti hedduun bobbaatee dheediisatti jirtiiyyu. Maarre durriisoti gara booyyotaa akka galanuuf, Yesuus akka eeyyamu kadhatane; innille isaaniif eeyyame. Durriisoti namicha keessaa bayanee booyyotatti galane. Booyyoti sun martinuu roga qile'ee irraa gad gara abbaaya'aa oriitee liqinfante. Worri booyyee tissanu yennaa waan te'e kana dhaggane, baqatanee worra qacha'aatii fi biyya saniititti odeessane. Kolbaan waan te'e san dhaggiisaaf, yennaa gara Yesuusii dhutte, namichi durriisi keessaa baye woyaa uffatee qalbiin itti deebitee, miila Yesuusii bira tee'eeruun dhaggite martinuu sodaatte. Namichi attam akka itti fayye worri dhaggane kolba'atti himane. Achiin duuba kolbaan biyya Gergeesa'aa martinuu akka malee waan sodaatteef, Yesuus akka isaan lakkisee deemuuf gaafatte. Maarre Yesuus hoboloo yaabee achii deeme. Namichi durriisoti keessaa bayane, «Si woliin deemuu?» jedhee Yesuus kadhate. Yesuus ammoo, «Gara mana keetii deebi'ii, waan Waaqi si'iif godhe himi» jedhee isa erge. Namichi waan guddoo Yesuus isaaf godhe himaa, qachaa keessa deeme.

KITAABA WOYYICHA

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia

Read more...
Free Resources

Want to understand the Bible more deeply?

Join our Bible study
JesusFilm