JESUS·1 of 61

The Beginning

The story of Jesus fits within the larger story of the Judeo Christian tradition. The purpose of everything since creation has been to point to the life of Jesus. All of creation speaks of the majesty of God. As God created man and woman he intended them to live in peace with him forever. But because of their disobedience mankind was separated from God. But God still loved mankind so throughout the Scriptures God reveals his plan to save the world.

Ask yours

Bible Quotes

Share
Kitaaba Seera Dadaa 1:26-27

Achiin duuba Waaqi, «Kowa'a, akka bifaa fi akka fakkeenna keennaatitti, nama dannaa ti. Nami qurxummii abbaaya'aa, sinbirroota, horii, bineensota lafa irraa maraa fi bineensota lafa irra lowanu mara irratti baallii qabaatuu ti» jedhe. Maarre Waaqi akka bifa ifiititti nama dade. Dhiiraa fi dubartii godhee isaan dade.

KITAABA WOYYICHA

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia

Read more...
Kitaaba Seera Dadaa 3:7

Achiin duuba ilti lamaaniituu banantee, akka qullaa jiranulle beekane; tanaaf baala harru'uu wolitti hodhanee ifi gollatane.

KITAABA WOYYICHA

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia

Read more...
Kitaaba Seera Dadaa 3:22-24

Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi, «Kunoo, nami hantu'uu fi dansaa beekiisaan nu keessaa akka tokkoo te'eera. Ammalle harka ifiitiin hiixatee midhaan muka jiru'uu fuudhee nyaatiisaan, haga bara baraa le'uu hin qabu!» jedhe. Tanaaf Mootiin Waan Maraa Waaqi addee oorruu Edenii keessaa isa baasee, lafa irraa dadame akka qotu godhe. Waaqi nama baaseen duuba, eennulle gara muka jiru'uu akka hin dhikaanneef, addee oorruu Edenii maddii aduun baatuun ergantoota ifii dada ol-gubba'aa ta koola qadduu fi shallaagaa akka ibiddaa bobe'u ka gara mara garagaggalu keye.

KITAABA WOYYICHA

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia

Read more...
Kitaaba Seera Dadaa 22:1-18

Wonni kun teeteen duuba, Waaqi Abrahaam haga ilaale. Inni, «Abrahaam!» jedhee waame. Abrahaamille, «Kunoo as jira» jedhe. Achiin duuba Waaqi, «Ilma keeti tokkochuma jaalattu san Yisihaq fuudhiitii, lafa Moriiya'aa dhaqi! Gaara ani sitti mudhisu tokko irratti ciincaa godhii isa naaf dhikeessi» jedhe. Maarre Abrahaam boruyyaa barii ganamaan ka'ee, qoraan ciincaa ittiin ciincessu caffatee, harree ifii fe'atee, ilma ifii Yisihaqii fi tajaajiltoota ifii ta dhiiraa dargaggeeyyii lamaan fudhatee, lafa Waaqi isatti hime dhaqiisaaf kara'atti baye. Guyyaa sadeesso'oo Abrahaam ol ilaalee addee san fago'otti dhagge. Achiin duuba Abrahaam tajaajiltoota dargaggeeyyii ifiitiin, «Isin harree woliin as tura'a; anii fi mucaan kiyya achi dhandhee, Waaqa waaqonfannee gara keessan hin deebina» jedhe. Abrahaam qoraan ciincaan ittiin ciinceffamu fuudhee ilma ifii Yisihaqitti ba'achiisee, ifiif ibiddaa fi billowa qabate. Maarre isaan lamaanuu woliin ideemane. Yisihaq abbaa ifii Abrahaamiin, «Abbaa!» jedhe; innille, «Ilma kiyya, maan?» jedhe. Yisihaqille, «Ibiddii fi qoraan kunoo ti; ammoo hooleen ciincaa ciincessinu meet ree?» jedhe. Abrahaam deebisee, «Ilma kiyya, Waaqinuu hoolee ciincaa ciincessinu hin qopheessa» jedhe. Isaan lamaanuu woliin deemiisa itti fufane. Isaan addee Waaqi isatti mudhise san yennaa geyane, Abrahaam addee ciincaa itti ciincessanu achitti ijaaree, qoraan miidhassee irra naqee, ilma ifii Yisihaq hidhee, qoraan gubbaa irkise. Achiin duuba Abrahaam ilma ifii qaliisaaf, billowa fudhatee harka diriirfate. Ergamaan Mootii Waan Maraa ammoo ol-gubbaa irraa, «Abrahaam, Abrahaam!» jedhee isaa waame. Abrahaamille, «Kunoo as jira» jedhe. Ergamaan Mootii Waan Maraalle, «Mucaa hin tuqin yookiin waan tokkolle isa hin godhin; ati ilma keeti tokkochuma san waan naaf hin mararfatiniif, ani akka ati Waaqa sodaattu beekeera» jedhe. Abrahaamille adaala ifii ilaalee, korbeessa hoole'ee ka gaafi isaa haxanxari'iin qabameeru tokko dhagge. Inni dhaqee korbeessa fuudhee, addee ilma ifii ciincaa dhikeesse. Maarre Abrahaam addee san, «Yaahwee yir'ee» jedhee moggaase; adhalle namooti, «Mootiin Waan Maraa gaara irratti hin qopheessa» jedhan. Ergamaan Mootii Waan Maraa ol-gubbaa irraa yennaa lammeesso'oo Abrahaam waamee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Ati kana waan gooteef, ilma keeti tokkochuma sanille naaf waan hin mararfatiniif, ani maqaa kiyyaan kakadheera; ani dhugumaan si hin eebbisa; sanyii teeti akka urjoota ol-gubba'aatii fi akka maansa abbaaya'aa hin baceessa. Isaan qachoota diinota ifii hin qabatan. Ati waan naaf ajajanteef, sanyii teetiin gosi biyya adda addaa marti hin eebbifaman› jedheera» jedhe.

KITAABA WOYYICHA

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia

Read more...
Kitaaba Faaru'uu 19:1-2

Ol-gubbaan ulfinnaa Waaqaa hinti; gubbaan hujii harka isaa lalladdi. Guyyaan guyyaa itti aanutti kanuma dabarsa; halkanille halkan itti aanutti woma kana hima.

KITAABA WOYYICHA

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia

Read more...
Free Resources

Want to understand the Bible more deeply?

Join our Bible study
JesusFilm