Parable of the Vineyard and Tenants
JESUS·40 of 61Clip 40 of 61
Parable of the Vineyard and Tenants
Jesus tells the story of a man who plants a vineyard. That man leases the vineyard to workers or tenants. Jesus shares the verse that the stone the builders rejected would become the most important one. He goes on to state that anyone who falls on that stone will be broken. And if that stone falls on anyone, it will crush that person.
QuestionsRelated Questions
Ask yoursBible Quotes
ShareYesuus itti aansee mammaassa kana kolba'atti mammaakee, «Namichi tokko muka woyni'ii fichaa ifiititti dhaabee, qonnaan bultootaaf kireessee, biyya fago'oo dhaqee achi ture. Yennaan guuranu geennaan, qooda midhaan woyni'ii ka isa gewu akka itti kennanuuf garbicha ifii tokko gara qonnaan bultootaa erge. Isaan ammoo isa dhaananee harka duwwaa ari'ane. Maarre inni garbicha dhibii itti erge; isaan isalle dhaananee salphisanee harka duwwaa ari'ane. Inni ammalle garbicha sadeesso'oo itti erge; isaan isaalle madeessanee alatti darbane. Achiin duuba abbaan muka woyni'ii, ‹Ani maan godhu? Ilma kiyya jaalatamaa itti erga; isa hin ulfeessan fa te'a› jedhe. Qonnaan bultooti ammoo yennaa isa dhaggane, ‹Kun ka dhaalu; akka dhaalli nu'uuf te'u, kowaa isa ijjeennaa!› jedhanee mari'atane. Maarre isaan fichaa muka woyni'ii keessaa alatti isa darbanee ijjeesane. «Yoona abbaan fichaa muka woyni'ii maan isaan godha laati? Inni hin dhufa, qonnaan bultoota san hin ijjeesa, fichaa muka woyni'iille worra dhibi'itti hin kennata» jedhe. Kolbaan tana yennaa dhageette, «Hanqisi!» jette. Yesuus ammoo isaan laalee, «‹Dhakaan worri mana ijaaru tuffate, dhakaa dhakaa maraa caalaa barbaadamu te'e› jedhante ta barreeffante maan jechu'u ree? Nami dhakaa san irratti jigu maraa hin caccaba; nami dhakaan sun irratti jigu ammoo hin bututa» jedhe.
KITAABA WOYYICHA
The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Read more...