Sermon on the Mount
JESUS·12 of 61Clip 12 of 61
Sermon on the Mount
Jesus turns to the crowds and walks through them, teaching. He advises everyone how to walk through life in love. And talks of how, out of pride, we often judge others. He implores those who are listening to love their enemies, to actively pray for them. He speaks of offering more than what is asked of you. Do for others what you would have them do for you.
QuestionsRelated Questions
Ask yoursBible Quotes
Share«Isin worra amma dureeyyi'iif aanne'e; ka isin gewu fudhattaneertan! Isin worra amma quuttaneef aanne'e; hin beelottan! Isin worra amma kolluuf aanne'e; gadditanee hin boottan! «Yennaa kolbaan marti isin saadde isiniif aanne'e; abbootiin isaaniille raagota dharaa akkasuma tolchite. «Ani ammoo isin worra na dhageettanuuf hima: Diina keessan jaaladha'a, worra isin jibbuuf waan dansaa godha'a. Worra isin abaaru eebbisa'a, worra isin yakkulle'eef daadimadha'a! Yoo nami boqoo takkaa si dhabanaase, taanille itti garagalchi; yoo nami kootii teeti fudhate, shaamisiille hin dhooggatin! Nama si kadhatu maraaf kenni, nami tokko yoo waan keeti fudhate, akka inni si'iif deebisu hin gaafatin. Waan namooti dhibiin akka isinii godhanuuf barbaaddanu isinille isaaniif godha'a. «Worra isin jaalatu callaa yoo jaalattane, eebba maan dhaggattan ree? Cubbaaleyyiinuu worruma isaan jaalatu jaalatan. Worra waan dansaa isinii godhu calla'aaf yoo dansaa gootane, eebba maan dhaggattan ree? Cubbaaleyyiinuu akkuma san godhan. Worra akka isinii deebisu addattanu calla'aaf yoo liqeessitane, eebba maan dhaggatan ree? Waan liqeessane san deebi'anee fudhatiisaaf, cubbaaleyyiinuu cubbaaleyyi'iif hin liqeessan. Isin ammoo diinota keessan jaaladha'a, waan dansaalle isaaniif godha'a. Nu'uuf deebisan jettanee adoo hin yaadin liqeessa'a. Tana yoo gootane gatii guddoo hin dhaggattan, ijoollee Waaqa Ol Aana'aalle hin teetan. Inni worra galata hin qannee fi dabaaleyyi'iifille arja'a. Abbaan keessan ka ol-gubba'aa ka namaaf mararu akka te'e, isinille namaaf marara'a. «Namatti hin murina'a, Waaqille isinitti hin muru; yakkaa namatti hin murina'a, Waaqille yakkaa isinitti hin muru; namaaf araarama'a, Waaqille isiniif hin araarama. Namaaf kenna'a, Waaqille isiniif hin kenna. Safaraa dansa'aan, gad miicamee, gingilfamee, irraan danbalaafamee isinii hin kennama. Safaraa isin worra dhibi'iif itti safartanetti Waaqille isiniif safara» jedhe. Yesuus ittille mammaakee, «Ballaan ballaa sooressiisaaf hin dande'a? Yoo sooresse, isaan lamaanuu bowwaa bu'an. Barataan tokko barsiisaa hin caalu; ammoo nami leenjii guutuu fudhate maraa, akka barsiisaa ifii hin te'a. «Huura ila obboleessa keetii keessa jiru maaf ilaalta? Jigeessa ila teeti keessa jiru ammoo maaf hin hubanne? Jigeessa ila teeti keessa jiruu adoo hin dhaggin, attamiin obboleessa keetiin, ‹Obboleessa kiyya, huura ila teeti keessa jiru san sii fuudha› jedhuu dandeetta? Ati nama kijiba'a! Dursiitii jigeessa ila teeti keessa jiru fudhadhu, achiin duuba huura ila obboleessa keetii keessa jiru fuudhiisaaf miidhassitee dhagguu hin dandeetta» jedhe.
KITAABA WOYYICHA
The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Read more...