JESUS·33 of 61

Jesus and Zaccheus

Jesus enters the town surrounded by crowds pushing in on Him. Zacchaeus, a short man, tries to see Jesus. But he can't see above the crowds or get through them. He climbs a tree. Jesus calls out to him. He tells Zacchaeus to come down from the tree because He wants to have dinner with him. People are appalled. Zacchaeus is the town tax collector. But Zacchaeus is more than happy. He comes down from the tree and leads the way.

Ask yours

Bible Quotes

Share
Wongeela Luqaasii 19:1-10

Yesuus Yerikoo dhaqee keessa dabare. Namichi Zakkewoos jedhamu tokko achi jiraayyu. Inni mootii worra qaraxa guuruutii fi nama dureessa. Yesuus kam akka te'e beekiisaaf barbaadee, hojjaan isaa ammoo gabaadduu waan teeteef, gumiin waan heddatteef Yesuus dhaggiisaaf hin dandeenne. Yesuus karaa saniin waan dabaraaruuf, isa dhaggiisaaf jedhee gumi'iin dura fiigee qilxaa tokko yaabe. Yesuus addee san yennaa geye, ol ilaalee, «Zakkewoos, adha mana keeti ooluun waan naa maleef, dafii gad bu'i» jedheen. Maarre inni dafee gad bu'ee gammadaan Yesuus fudhate. Worri kana dhagge maraa, «Inni keessummumma'aaf mana cubbichaa dhaqe» jedhee gungume. Zakkewoos ol ka'ee dhaabbatee Gootta'aan, «Gootta'a! Ani wol qixxee karra tiyyaa hiyyeeyyi'iif hin qooda, eennulle irraa sobee yoo wo fudhadhee jiraadhe, harka afur hin deebisaaf» jedhe. Yesuus isaan, «Namichi kunille ilma Abrahaamii waan te'eef, adha fayyinni mana kanaaf dhufeera. Ilmi Namaa ka bade barbaadee fayyisiisaaf dhufeera» jedhe.

KITAABA WOYYICHA

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia

Read more...
Free Resources

Want to understand the Bible more deeply?

Join our Bible study
JesusFilm