JESUS·43 of 61

Upper Room Teaching

Jesus sits after sharing the bread and wine, sealing a new covenant with His followers, and revealing that there is a traitor among them. He passes on one last specific teaching to His disciples. The disciples listen solemnly. He tells them that the greatest of them must be like the least of them. And the leader must be like the servant. He asks which one is actually greater: the one who sits down at the table or the one who serves? He says that the one who sits is greater. But then He points out that He Himself came as one who serves.

Ask yours

Bible Quotes

Share
Wongeela Luqaasii 22:24-38

Isaan keessalle'ee eentu akka caalu odduu isaaniititti wol mormiin kaate. Yesuus isaaniin, «Moototi worra Yihudoota hin te'inii kolbaa ifii hin mowan; bulchitooti isaaniille, ‹Bu'aa buuttuu kolba'aa› ifiin jedhan. Isin keessatti ammoo akkas hin te'in; isin keessaa caalaan akka maandhichaa te'uu ti; sooressille akka tajaajila'aa te'uu ti. Ka caalu eennu? Ka sagalee areerratiisaaf tee'u moo, ka areeru? Ka areerratiisaaf tee'uu motii? Ani ammoo isin oddu'utti akka areertu'uu ti. Isin worra rakkinna kiyya keessatti na woliin turtane. Akkuma abbaan kiyya ana mootonse, anille isin hin mootonsa. Mootummaa tiyya keessatti qorii tiyya keessaa hin nyaattan, hin untan, barcumaa mootumma'aa irra teettanee gosa Israa'elii kudhanii lama irrattille hin murtan» jedhe. Yesuus, «Simoon, Simoon, dhage'i! Seexanni isin maraa akka qamadi'ii wobansiisaaf gaafateera. Ani ammoo dhugeeffannaan teeti akka hin banne si'iif daadimadheera. Atille yennaa gara kiyya deebite, obboleeyyan teeti jajjabeessi!» jedhe. Pheexroos ammoo, «Gootta'a, ani si woliin gara mana hidha'aa dhaqiisaa fi du'iisaafille qophoweera» jedhe. Yesuus deebisee, «Pheexroos, ani sitti hima, edanuma adoo lukkuun hin iyyin yennaa sadiin si hin beeku jettee na hin mormatta» jedheen. Achiin duuba Yesuus, «Korojoo, subba yookiin kophee adoo hin qabatin yennaa ani isin erge, wonni isinii dhidhatte jirti?» jedhee barattoota ifii gaafate. Isaan deebisanee, «Womaa hin dhidhanne!» jedhane. Yesuus isaaniin, «Amma ammoo, nami korojoo, yookiin subba qabu qabatuu ti; nami shallaagaa hin qanne woyaa ifii gurguree shallaagaa bitatuu ti. Ani isinitti hima, Barreeffam Woyyichi, ‹Yakkaameyyii woliin laakkowame› ka jedhu, na irratti muummowiisa qaba; dhugumaan marroo tiyyaaf ta barreeffantelle muummowiisatti jirti» jedhe. Barattooti, «Ilaa, Gootta'a, shallaagaan lamaan as jira» jedhane. Jennaan inni deebisee, «Hin geya!» jedhe.

KITAABA WOYYICHA

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia

Read more...
Free Resources

Want to understand the Bible more deeply?

Join our Bible study
JesusFilm