JESUS·39 of 61

Annas Questions Jesus's Authority

A Pharisee named Annas asks Jesus what right He has to say the kinds of things he says. In return, Jesus asks Annas a question. Jesus asks whether John's right to baptize came from God or from man. Annas turns with other Pharisees and talks to them. So they go back to Jesus and answer that they don't know who gave John the right to baptize. Jesus stares back. He says since they don't know, he won't tell them who gave Him the authority to teach the things He's been teaching.

Ask yours

Bible Quotes

Share
Wongeela Luqaasii 20:1-8

Gaafa tokko Yesuus Galma Waaqaa keessatti kolbaa barsiisiisaa fi Oduu Gammadaa lallabiisatti adoo jiruu, sooreyyiin hayyootaatii fi barsiisoti Seera Muuse'ee, maanguddoota woliin gara isaa dhufanee, «Baallii maaniitiin waan kana goota? Eentu baallii tana si'iif kenne? Nutti himi!» jedhaneen. Inni deebisee, «Anille gaaffii tokko isin gaafadha; cuuphaan Yohaannis cuuphe Waaqa irraa moo, nama irraa dhutte? Natti hima'a!» jedhe. Isaan waan kana irratti mari'atanee, « ‹Waaqa irraa› yoo jenne, ‹Maaf dubbii isaa hin dhugeeffatin ree?› nuun jedha. ‹Nama irraa› yoo jenne ammoo, kolbaan martinuu akka raagaa tokkootitti Yohaannis waan dhugeeffatteertuuf, dhaka'aan nu tunti» woliin jedhane. Maarre isaan, «Eessaa akka dhutte nuuti hin beennu» jedhanee deebisane. Yesuus deebisee, «Anille baallii maaniitiin waan kana akka godhu isinitti hin himu» isaaniin jedhe.

KITAABA WOYYICHA

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia

Read more...
Free Resources

Want to understand the Bible more deeply?

Join our Bible study
JesusFilm