Jesus Proclaims Fulfillment of the Scriptures
Jesus Proclaims Fulfillment of the Scriptures
When Jesus returns to Nazareth, He goes to the synagogue. He's asked to read the Scriptures and is handed the Book of Isaiah. From it, He reads Isaiah 61:1-2. The prophecy speaks of bringing good news to the poor, proclaiming liberty to the captives, recovery of sight to the blind, freeing the oppressed, and announcing that it's time the Lord will save His people. When He finishes reading, Jesus announces to the people that the prophecy has come true as it was just read.
QuestionsRelated Questions
Ask yoursBible Quotes
ShareAyyaanni Goottaa Mootii Waan Maraa na irra jira; akka ani oduu gammadaa worra cunqurfameef lallabu, na muudeera. Worra gadhaan isaanii madaye akka ani fayyisuuf, worra booji'ame akka ani bilisa baasuuf, worra hidhame akka ani hiikuuf, Mootiin Waan Maraa na ergeera. Woggaa Mootii Waan Maraa biratti fudhatama qadduu fi guyyaa Waaqi keenna haluu bawu, akka ani lassuuf, worra bowu mara akka ani jajjabeessuuf, Mootiin Waan Maraa na ergeera.
KITAABA WOYYICHA
The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Read more...Achiin duuba Yesuus gara lafa itti guddatee, Naaziret dhaqee, guyyaa Sanbataa akkuma aadaa ifii Mana Waaqonfannaa Yihudootaa dhaqe. Yennaa inni Barreeffama Woyyicha dubbisiisaaf ka'e, kitaaba Isaayaasii raagichaa itti kennane. Maraa kitaaba sanii diigee, «Ayyaanni Gootta'aa ana irra jira, worra hiyyeeyyi'iif Oduu Gammadaa akka himuuf na muudeera. Worra booji'ameef bilisummaa akka lassuuf, worra ballaa akka dhaggisiisuuf, worra miicame akka baasuuf, woggaa Goottaan kolbaa ifii fayyisulle akka lassuuf na ergeera» dubbiin jettu addee itti barreeffanteertu dhagge.
KITAABA WOYYICHA
The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Read more...Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Akkuma dubbifamuun dhageettane, Barreeffam Woyyichi kun adha muummowe» jedhe. Isaan martinuu marroo isaa waan dansaa dubbatanee, dubbii maso'oo ta inni dubbate baaseffatanee, «Inni ilma Yoseefiitii motii?» jedhane. Yesuus isaaniin, «Isin dhugumaan mammaassa, ‹Cidheessa, dursii ifi fayyis!› jedhu natti hin mammaattan. Waan qachaa Qifirnaahoomiititti tolchitelle, ta nuuti dhageenne as qachaa keeti keessattille tolchi hin jettan» jedhe. Itti dabaleelle, «Ani dhugumaan isinitti hima, raagaan tokko biyya ifiititti fudhatama hin qabu.
KITAABA WOYYICHA
The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Read more...Worri mana waaqonfannaa Yihudootaa keessa jiranu martinuu yennaa kana dhage'ane, akka malee aarane. Isaan ol ka'anee, Yesuus qachaa keessaa harkisanee baasanee qile'etti gad qolaansiisaaf barbaadanee, gara ededa gooroo qachaan isaanii irratti ijaarameeruutitti isa geessane. Inni ammoo isaanuma oddu'uun dabaree kara'atti bayee deeme. Achiin duuba Yesuus gara qachaa Qifirnaahoomii, ka Galiilaa keessatti dhaggamuu tokko dhaqee, guyyaa Sanbataa kolbaa barsiise.
KITAABA WOYYICHA
The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Read more...